-
1 Saamuʼel 19:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Yonaataan ilmi Saaʼol Daawitiin baayʼee waan jaallatuuf+ akkana jedhee Daawititti hime: “Abbaan koo Saaʼol si ajjeesuu barbaada. Maaloo, boru ganama of eeggadhu; bakka hin mulʼanne tokko dhaqiitii dhokadhuu achuma turi.
-
-
1 Saamuʼel 20:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yonaataan akka lubbuu isaatti waan isa jaallateef, irra deebiʼee jaalala isaatiin Daawitiif ni kakate.+
-
-
1 Saamuʼel 20:41Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
41 Tajaajilaan sun yommuu achii deemu, Daawit karaa kibbaatiin bakka achitti dhihoo jiru tokko irraa kaʼee ni dhufe. Achiis adda isaatiin lafatti gombifamee siʼa sadii ni sagade; isaanis wal dhungatanii walitti booʼan; caalaatti kan booʼe garuu Daawit ture.
-
-
1 Saamuʼel 23:16-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yeroo kanatti Yonaataan ilmi Saaʼol gara Daawit isa Hooreshitti argamuu dhaqee, maqaa Yihowaatiin jajjabina akka argatu isa gargaare.*+ 17 Yonaataan Daawitiin, “Abbaan koo Saaʼol waan si hin arganneef hin sodaatin; ati Israaʼel irratti mootii ni taata;+ ani immoo sitti aanee lammaffaa nan taʼa; abbaan koo Saaʼolis kana ni beeka”+ jedhe. 18 Achiis lamaan isaanii Yihowaa duratti kakuu waliif ni galan;+ sana booda Daawit Hooresh keessatti hafe; Yonaataan immoo gara mana isaatti qajeele.
-