LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 28:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yihowaan diinota kee duratti akka moʼamtu ni godha.+ Kallattii tokkoon isaan ni haleelta; garuu kallattii adda addaa torbaan isaan jalaa ni baqatta; mootummoonni lafaa hundis wanta hamaa si irra gaʼe yommuu argan ni sodaatu.+

  • Keessa Deebii 32:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Qarsaan isaanii utuu isaan hin gurgurre taʼee,+

      Yihowaan dabarsee utuu isaan hin kennine taʼee,

      Namni tokko akkamitti 1,000 ariʼuu dandaʼa?

      Namni lama hoo akkamitti 10,000 ariʼuu dandaʼa?+

  • Abbootii Murtii 2:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa Israaʼel irratti ni bobaʼe; kanaafuu, warra isaan saamanitti dabarsee isaan kenne.+ Diinota naannoo isaaniitti argamanitti dabarsee isaan gurgure;+ sana booda isaan diinota isaanii dura dhaabbachuu hin dandeenye.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi