-
Iyyaasuu 7:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan. 25 Iyyaasuunis, “Maaliif badiisa* nu irratti fidde?+ Yihowaanis harʼa badiisa si irratti fida” isaan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan Israaʼel dhagaadhaan isa tuman;+ sana booda ibiddaan isaan guban.+ Akka kanaan hunduma isaanii dhagaadhaan ni tuman. 26 Achiis tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan kunis hamma harʼaatti jira. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu ni qabbanaaʼe.+ Maqaan iddoo sanaas hamma harʼaatti Sulula Akoor* jedhamee kan waamamu kanaafi.
-