LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 7:24-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan. 25 Iyyaasuunis, “Maaliif badiisa* nu irratti fidde?+ Yihowaanis harʼa badiisa si irratti fida” isaan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan Israaʼel dhagaadhaan isa tuman;+ sana booda ibiddaan isaan guban.+ Akka kanaan hunduma isaanii dhagaadhaan ni tuman. 26 Achiis tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan kunis hamma harʼaatti jira. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu ni qabbanaaʼe.+ Maqaan iddoo sanaas hamma harʼaatti Sulula Akoor* jedhamee kan waamamu kanaafi.

  • 2 Saamuʼel 24:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Achiis Daawit bakka sanatti Yihowaadhaaf iddoo aarsaa+ ijaaree, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa dhiheesse. Yihowaanis kadhannaa biyyattii ilaalchisee dhihaate ni dhagaʼe;+ dhaʼichi Israaʼel irra gaʼaa tures ni dhaabbate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi