-
1 Seenaa Baraa 22:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kunoo, ati ilma+ tokko ni dhalchita; inni nama nagaa* ni taʼa; anis diinota isaa warra isatti marsanii jiran hunda irraa boqonnaa isaaf nan kenna;+ maqaan isaa Solomoon*+ ni jedhama; anis bara isaatti Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna.+ 10 Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha.+ Inni ilma koo ni taʼa, anis abbaa isaa nan taʼa.+ Ani teessoo mootummaa isaa Israaʼel irratti bara baraaf jabeessee nan dhaaba.’+
-
-
2 Seenaa Baraa 2:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Ammas, ani isa duratti ixaana urgaaʼu aarsuuf,+ yeroo hundumaa daabboo wal irra tuulamu* achi kaaʼuuf,+ akkasumas ganamaa fi galgala,+ guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatiiwwan haaraattii+ fi waqtiilee ayyaanaa+ Waaqa keenya Yihowaatti aarsaawwan gubaman dhiheessuuf, maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruu fi isaaf qulqulleessuuf yaadeera. Kun, dirqama Israaʼelonni yeroo hundumaa raawwachuu qabani dha.
-