-
1 Seenaa Baraa 28:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis Daawit pilaanii+ ijaarsa barandaa+ sanaa fi kutaawwan manichaa, kutaawwan mana kuusaa, kutaawwan baaxii irraa, kutaawwan warra keessaa fi mana qadaadni araaraa+ keessa kaaʼamuu* ilma isaa Solomooniif ni kenne. 12 Innis pilaanii ijaarsaa isa hafuuraan isaaf kenname hundumaa, jechuunis mooraawwan+ mana Yihowaa, kutaawwan nyaataa manichatti marsanii jiran hundumaa, manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa fi manneen kuusaa wantoota qulqulleeffamanii*+ isaaf ni kenne;
-
-
2 Seenaa Baraa 3:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Achiis Solomoon Yerusaalem keessatti, Gaara Mooriyaa+ isa Yihowaan abbaa isaa Daawititti itti mulʼatee ture,+ jechuunis iddoo Daawit bakka oobdii Ornaan+ Yebuusichaa irratti qopheesse irratti mana Yihowaa ijaaruu jalqabe.+ 2 Inni mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa lammaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa lammaffaatti manicha ijaaruu ni jalqabe.
-