-
Keessa Deebii 17:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.
19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+
-
-
1 Mootota 8:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+
-