LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 17:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.

      19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+

  • 1 Mootota 8:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+

  • 1 Seenaa Baraa 28:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Atis Solomoon yaa ilma koo, Yihowaan garaa hundumaa waan qoruu+ fi yaadaa fi fedhii hundumaa waan hubatuuf,+ Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu*+ fi lubbuu* gammachuu qabuun* isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama;+ yoo isa dhiiste garuu innis bara baraaf si dhiisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi