-
2 Seenaa Baraa 14:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+
-
-
2 Seenaa Baraa 20:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Achiis Yoshaafaax mana Yihowaa keessa mooraa isa haaraa fuuldura gumii Yihudaa fi gumii Yerusaalem gidduu dhaabbatee 6 akkana jedhe:
“Waaqa abbootii keenyaa kan taate yaa Yihowaa, ati samii keessatti Waaqa mitii?+ Mootummoota sabootaa hundumaa irrattis ol aantummaa qabda mitii?+ Aangoonii fi jabinni harka kee keessa jira; eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+
-