-
2 Seenaa Baraa 7:19-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Haa taʼu malee, isin yoo ana irraa garagaltan, dambiiwwan koo fi ajajawwan koo warra ani isin dura kaaʼe eeguu yoo dhiistan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi yoo isaaniif sagaddan,+ 20 biyya koo isan isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan buqqisa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata; innis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamuu* fi kan itti qoosamu akka taʼu nan godha.+ 21 Manni kunis tuullaa diiggaa ni taʼa. Namoonni achiin darban hundis ajaaʼibsiifatanii ilaaluudhaan,+ ‘Yihowaan biyya kanaa fi mana kana irratti akkana kan godhe maaliifi?’ jedhu.+ 22 Achiis, ‘Isaan Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa isa biyya Gibxiitii isaan baase+ dhiisanii+ waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi.+ Inni rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+
-