LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 8:7-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan biyya gaarii,+ biyya lageen* qabdu, biyya burqaawwanii fi fincaaʼaawwan* dirree keessa, akkasumas naannoo gaarotaa keessa yaaʼan qabdutti si galcha; 8 biyya qamadii fi garbuutti, biyya mukeetii wayiniitti, biyya mukeetii harbuutti, biyya romaaniitti,+ biyya zayitii ejersaattii fi biyya dammaatti,+ 9 biyya hanqinni midhaanii hin jirrettii fi ati homaa keessaa hin dhabnetti, biyya dhagoonni ishii sibiila qabanitti, biyya gaarota ishii irraa sibiila diimaa baafattuttis si galcha.

  • Keessa Deebii 29:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kanaafuu, Yihowaan aarii isaa fi dheekkamsa isaa isa guddaadhaan biyyoo isaanii irraa isaan buqqisee+ gara biyya kan biraa yeroo harʼaa keessa jiranitti isaan geesse.’+

  • Iyyaasuu 23:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Taʼus, waadaawwan gaggaariin Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundi akkuma isiniif raawwatamanitti,+ Yihowaan dhaʼichawwan akka fidu dubbate hundumaa* isin irratti fidee biyya Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa haxaaʼee isin ni balleessa.+

  • 2 Mootota 17:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi