-
Leewwota 26:3-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “‘Akka dambiiwwan kootti deddeebiʼuu fi ajajawwan koo eeguu keessan yoo itti fuftan, akkasumas hojii irra yoo isaan oolchitan,+ 4 ani yeroo isaatti bokkaa isiniif nan roobsa;+ lafattiinis firii ishii ni kenniti;+ mukeetiin dirree keessaas firii isaanii ni kennu. 5 Waqtiin midhaan itti dhooftan hamma yeroo firiin wayinii itti sassaabamuutti tura; yeroon firiin wayinii itti sassaabamus hamma yeroo midhaan itti facaafamuutti tura; isinis nyaata keessan nyaattanii ni quuftu; tasgabbiidhaanis biyya keessan keessa jiraattu.+ 6 Biyya keessan keessatti nagaa nan buusa;+ namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu;+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyya keessan keessaa nan baasa; goraadeen lolaas biyya keessan keessa hin darbu. 7 Isin diinota keessan dhugumaan ni ariitu; isaanis goraadeedhaan isin duratti ni kukkufu. 8 Isin keessaa namni shan nama 100 ni ariʼa; namni 100 immoo nama 10,000 ni ariʼa; diinonni keessanis goraadeedhaan isin duratti ni kukkufu.+
9 “‘Ani isin nan eebbisa;* akka hortanii fi akka baayʼattanis nan godha;+ kakuun isinii wajjin gales nan eega.+ 10 Oomisha duraanii isa waggaa darbe irraa hafe utuma nyaattanii, oomisha haaraadhaaf iddoo argachuuf isa duraanii iddoo gadhiisistu. 11 Godoo qulqulluu koo isin gidduu nan dhaaba;+ ani* isin hin dhiisu. 12 Isin gidduu nan deddeebiʼa; Waaqa keessanis nan taʼa;+ isin immoo saba koo ni taatu.+
-
-
Keessa Deebii 28:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 “Ati ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana of eeggannoodhaan raawwachuudhaan mamii tokko malee sagalee Waaqa kee Yihowaa yoo dhageesse, Waaqni kee Yihowaan dhugumaan saboota lafa irraa kaan hundumaa irra ol si qaba.+
-