-
Ermiyaas 2:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Sabni warra waaqolii hin taaneen waaqolii isaa jijjiiree beeku jiraa?
Sabni koo garuu wanta faayidaa hin qabneen ulfina koo jijjiireera.+
-
-
Hoseʼaa 10:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Garaan isaanii fakkeessituu* dha;
Egaa isaan yakkamtoota ni taʼu.
Iddoowwan aarsaa isaanii kan caccabsuu fi utubaawwan waaqeffannaa isaanii kan diigu tokko jira.
-
-
2 Qorontos 6:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa.*+ Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba?+ Yookiin ifnii fi dukkanni maal wal irraa qaba?+ 15 Kana malees, Kiristoosii fi Beelhoor* gidduu walii galtee maaliitu jira?+ Yookiin namni amane* isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?+
-