LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;

  • Iyyaasuu 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Ammas Yihowaa tajaajiluun hamaa taʼee yoo isinitti mulʼate, waaqolii abbootiin keessan Lagicha* gamatti+ tajaajilan yookiin waaqolii Amoorotaa warra isin biyya isaanii keessa jiraachaa jirtan+ kanaa keessaa isa kam akka tajaajiltan harʼa filadhaa.+ Anii fi maatiin koo garuu Yihowaa tajaajilla.”

  • 1 Saamuʼel 7:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis Saamuʼel mana Israaʼel hundaan akkana jedhe: “Garaa keessan guutuudhaan+ gara Yihowaatti yoo deebitan, waaqolii ormaa+ fi siidaawwan Ashtooret+ of gidduudhaa yoo balleessitan, akkasumas garaa keessan guutummaatti Yihowaadhaaf yoo kennitanii fi isa qofa yoo tajaajiltan,+ inni harka Filisxeemotaa jalaa isin oolcha.”+

  • Faarfannaa 100:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Yihowaan Waaqa taʼuu isaa beekaa.*+

      Kan nu tolche isa dha, nutis kan isaa ti.*+

      Nuti saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi