Keessa Deebii 7:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 “Kanaa mannaa, wanti isaan irratti gochuu qabdan kana dha: Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa, siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa,+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii kukkutaa,+ fakkiiwwan isaanii warra bocamanis gubaa.+ 1 Mootota 14:15 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 15 Yihowaan akka shomboqqoo bishaan keessaa raafamuutti Israaʼeliin ni rukuta; isaan utubaawwan waaqeffannaa*+ isaanii hojjetanii Yihowaa waan dheekkamsiisaniif, inni biyya gaarii abbootii isaaniitiif kenne kana irraa Israaʼeliin ni buqqisa;+ Lagicha* gamattis isaan ni bittinneessa.+ 1 Mootota 16:33 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 33 Ahaab utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Ahaab Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuuf mootota Israaʼel warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate.
5 “Kanaa mannaa, wanti isaan irratti gochuu qabdan kana dha: Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa, siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa,+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii kukkutaa,+ fakkiiwwan isaanii warra bocamanis gubaa.+
15 Yihowaan akka shomboqqoo bishaan keessaa raafamuutti Israaʼeliin ni rukuta; isaan utubaawwan waaqeffannaa*+ isaanii hojjetanii Yihowaa waan dheekkamsiisaniif, inni biyya gaarii abbootii isaaniitiif kenne kana irraa Israaʼeliin ni buqqisa;+ Lagicha* gamattis isaan ni bittinneessa.+
33 Ahaab utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Ahaab Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuuf mootota Israaʼel warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate.