-
2 Seenaa Baraa 34:19-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Mootichis dubbii Seerichaa akkuma dhagaʼeen uffata isaa ni tarsaase.+ 20 Achiis mootichi Hilqiyaadhaaf, Ahiqaam+ ilma Shaafaaniif, Abdoon ilma Miikiyaasiif, Shaafaan isa barreessaa taʼee fi Asaayaa isa tajaajilaa mootichaa taʼeef ajaja akkana jedhu kenne: 21 “Abbootiin keenya wanta kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa eeguudhaan dubbii Yihowaatiif waan hin ajajamneef, dheekkamsi Yihowaa inni nu irratti dhangalaʼu guddaa dha; kanaafuu, dhaqaatii dubbii kitaaba argame kana keessa jiru ilaalchisee anaan, akkasumas warra Israaʼelii fi Yihudaa keessatti hafan bakka buʼaatii Yihowaa gaafadhaa.”+
-