LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 29:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Ani kallattii hundumaatiin naannoo kee nan buufadha,

      Muka qaramaa sitti marsee nan dhaaba,

      Sitti naannessees dallaa nan ijaara.+

  • Ermiyaas 32:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yeroo sanatti raayyaan waraanaa mootii Baabilon Yerusaalemitti marsee ture; Ermiyaas raajichis Mooraa Eegdotaa+ isa mana* mootii Yihudaa keessatti argamu keessatti hidhamee ture.

  • Ermiyaas 32:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kanaafuu, Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani magaalaa kana harka Kaladootaattii fi harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna; innis ishii ni qabata.+

  • Ermiyaas 39:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa saglaffaatti, waggicha keessaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilonii fi guutummaan raayyaa waraanaa isaa gara Yerusaalem dhufanii ishiitti marsan.+

  • Ermiyaas 52:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe. Isaanis guutummaa magaalattiitti ni marsan; naannoo ishiitti marsaniis dallaa ijaaran.+ 5 Magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte.

  • Hisqiʼel 4:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Yaa ilma namaa, xuubii tokko fudhadhuutii of dura kaaʼi. Magaalaa tokko, jechuunis Yerusaalemiin isa irratti boci. 2 Ishiitti marsi,+ dallaa itti ijaari,+ ishiitti naannessii biyyoo tuuli,+ naannoo ishii buufadhu, meeshaa ittiin diiganis ishiitti marsi.+

  • Hisqiʼel 21:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Sababiin isaas, mootiin Baabilon bakka daandichi itti hiramu, jechuunis bakka daandiiwwan lamaan addaan itti baʼan irratti falfala raawwachuuf ni dhaabbata. Xiyyawwan sana ni sochoosa. Waaqolii tolfamoo isaa* ni mariisisa; tiruus ni qora. 22 Falfalli harka mirgaa isaa keessa jiru, meeshaa ittiin diigan dhaabuuf, isa gorraʼu sanaaf ajaja kennuuf, iyya waraanaa dhageessisuuf, meeshaa ittiin diigan karrawwan sana irratti dhaabuuf, biyyoo tuuluu fi dallaa ittisaa ijaaruuf gara Yerusaalemitti argisiise.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi