LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 68:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Jabina Waaqayyoo amanaa fudhadhaa.+

      Ulfinni isaa Israaʼel irra jira,

      Jabinni isaas samiiwwan* keessa jira.

  • Faarfannaa 96:7-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Isin maatiiwwan sabootaa, Yihowaadhaaf wanta isaaf malu kennaa,

      Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa.+

       8 Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa;+

      Kennaa fidaatii gara mooraawwan isaatti seenaa.

       9 Uffata qulqullummaa uffadhaatii* Yihowaadhaaf sagadaa;*

      Guutummaan lafaa isa duratti romʼi!

      10 Akkana jedhaatii saboota gidduutti labsaa: “Yihowaan Mootii taʼeera!+

      Lafti* jabaattee hundeeffamteetti, iddoo ishiitii sochoʼuu* hin dandeessu.

      Inni sabootaaf karaa sirrii taʼeen murtii kenna.”*+

      11 Samiin haa gammadu, laftis haa ililchitu;

      Galaannii fi wantoonni achi keessa guutan hundi haa kakawweessaʼan;+

      12 Dirreewwanii fi wantoonni isaan irratti argaman hundi haa gammadan.+

      Mukeetiin bosonaa hundis haa ililchan,+

      13 Inni waan dhufuuf* Yihowaa duratti haa ililchan,

      Inni lafatti murteessuuf ni dhufa.

      Inni addunyaa* irratti qajeelummaadhaan,

      Namoota irrattis amanamummaa isaatiin murtii ni kenna.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi