-
2 Saamuʼel 7:25-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “Ammas, yaa Yihowaa, tajaajilaa kee fi mana isaa ilaalchisee wanta waadaa galte bara baraaf raawwadhu; akkuma waadaa galtettis raawwadhu.+ 26 Namoonni, ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa Israaʼel irratti Waaqa dha’ akka jedhaniif, maqaan kee bara baraaf ol haa qabamu;+ manni tajaajilaa kee Daawitis si duratti jabaatee haa dhaabbatu.+ 27 Waaqa Israaʼel kan taate yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’*+ jechuudhaan tajaajilaa keetti mulʼata argisiisteetta. Tajaajilaan kee kadhannaa kana sitti dhiheessuuf kan onnate kanaafi. 28 Ammas yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati Waaqa dhugaa dha; dubbiin kees dhugaa dha;+ ati wantoota gaggaarii kana tajaajilaa keetiif gochuudhaaf waadaa galteetta. 29 Kanaafuu, mana tajaajilaa keetii eebbisi; bara baraafis si dura haa jiraatu;+ yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati akkuma waadaa galtetti manni tajaajilaa keetii eebba keetiin bara baraaf kan eebbifame haa taʼu.”+
-