LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 12:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Guyyaa torbaaf maxinoo ni nyaattu.+ Eeyyee, guyyaa jalqabaatti bukoo raacitii qabu manneen keessan keessaa ni balleessitu; sababiin isaas, namni* guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa torbaffaatti wanta raacitii qabu nyaatu kam iyyuu Israaʼel keessaa ni balleeffama.*

  • Leewwota 23:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “‘Guyyaa 15ffaa jiʼa kanaatti Ayyaanni Maxinoo Yihowaadhaaf ni kabajama.+ Guyyaa torbaaf maxinoo nyaadhaa.+

  • Keessa Deebii 16:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Wanta raacitii qabu akkamii iyyuu isaa wajjin hin nyaatin;+ ati biyya Gibxii keessaa kan baate ariitiidhaan waan taʼeef,+ guyyaa torbaaf maxinoo, jechuunis maxinoo rakkinaa nyaadhu. Guyyaa biyya Gibxii keessaa itti baate akka yaadattuuf bara jireenyaa kee hundumaatti akkana godhi.+

  • 2 Seenaa Baraa 30:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Hisqiyaas, isaan gara mana Yihowaa isa Yerusaalem keessatti argamuu dhufanii Yihowaa Waaqa Israaʼeliif Faasikaa akka kabajaniif+ gara guutummaa Israaʼelii fi guutummaa Yihudaatti dhaamsa erge;+ gosa Efreemii fi gosa Minaaseetiif+ illee xalayaa ni barreesse.

  • 2 Seenaa Baraa 30:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Kanaafuu, Israaʼelonni warri Yerusaalem keessa turan gammachuu guddaadhaan+ guyyaa torbaaf Ayyaana Maxinoo ni kabajan;+ Leewwonnii fi luboonnis sagalee guddisanii meeshaawwan muuziqaatiin Yihowaadhaaf taphachuudhaan, guyyuma guyyaadhaan Yihowaa jajatu turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi