-
1 Mootota 3:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 wanta ati gaafatte siifan godha.+ Ani garaa ogeessaa fi hubataa si dura namni kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne+ siifan kenna.+ 13 Kana malees, bara jireenyaa keetti* mootiin akka keetii kan biraan akka hin jiraanneef,+ soorumaa fi ulfina+ isa ati na hin gaafanne siifan kenna.+
-
-
1 Mootota 10:23-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Kanaafuu, Solomoon Mootichi badhaadhinaa+ fi ogummaa+ isaatiin mootota lafa irra jiran kaan hundumaa irra ni caala ture. 24 Namoonni lafa irra jiraatan hundi ogummaa Waaqayyo garaa Solomoon keessa kaaʼe+ dhagaʼuuf isaa wajjin wal arguu* barbaadu turan. 25 Isaanis tokkoon tokkoon isaanii waggaa waggaadhaan miʼawwan meetii, miʼawwan warqii, uffata, meeshaa waraanaa, zayitii baalsaamii, fardeenii fi gaangolii akka kennaatti ni fidu turan.
-