-
2 Mootota 18:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Inni Yihowaa Waaqa Israaʼelitti ni amaname;+ mootota Yihudaa warra isa boodas taʼe isa dura turan keessaa kan akka isaa hin turre.
-
-
1 Seenaa Baraa 5:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Isaan waraana irratti akka isaan gargaaruuf Waaqayyoon waan waammataniif, innis isatti amanamuu+ isaaniitiin kan kaʼe kadhannaa isaanii waan dhagaʼeef, yommuu isaan waraananitti gargaarsa ni argatan; kanaafuu, Haggaaronnii fi warri isaanii wajjin turan hundi harka isaanii irratti kufan.
-
-
2 Seenaa Baraa 16:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Namoonni Itoophiyaa fi namoonni Liibiyaa raayyaa waraanaa guddaa, gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii hedduu qabu turan mitii? Haa taʼu malee, ati Yihowaatti waan amanamteef, inni harka keetti dabarsee isaan kenne.+
-
-
Faarfannaa 22:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Isaan gara keetti ni iyyatan, ni oolanis;
Sitti ni amanaman, hin qaanofnes.+
-