LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Isin achuma taatanii Waaqa keessan Yihowaa yoo barbaaddattan, garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan yoo isa barbaaddattan+ dhugumaan isa ni argattu.+

  • 2 Mootota 23:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Mootichi dubbii kakuu kana keessatti argamu isa kitaaba kana keessatti barreeffame hundumaa raawwachuudhaan, Yihowaa duukaa buʼuuf, akkasumas ajajawwan isaa, yaadachiisawwan isaa fi dambiiwwan isaa garaa isaa guutuu fi lubbuu* isaa guutuudhaan eeguuf, utubaa sana bira dhaabbatee Yihowaa duratti kakuu gale.*+ Namoonni sun hundis kakuu kana irratti walii galan.+

  • Nahimiyaa 10:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Namoonni kaan, jechuunis luboonni, Leewwonni, karra eegdonni, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi warri Seera Waaqa dhugaa+ hordofuuf saboota biyyattii irraa adda of baasan, haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii dabalate warri beekumsaa fi hubannaa qaban hundi,* 29 obboloota isaanii, jechuunis namoota isaanii warra beekamoo wajjin taʼuudhaan, akka Seera Waaqa dhugaa isa karaa Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe kenname sanaatti deddeebiʼuuf, ajajawwan Gooftaa keenya Yihowaa, murtiiwwan isaa fi dambiiwwan isaa hundumaa of eeggannoodhaan eeguuf abaarsaa fi kakaadhaan dirqama keessa of galchan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi