LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+

  • Keessa Deebii 30:8-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Atis deebitee sagalee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaas ni eegda. 9 Yihowaan akkuma abbootii keetti gammadetti,+ ammas sooressa si gochuutti waan gammaduuf, Waaqni kee Yihowaan ijoollee kee, horiiwwan kee fi oomisha lafa keetii baayʼisuudhaan, hojii harka kee hundumaatiin baayʼee badhaadhaa akka taatu ni godha.+ 10 Achiis sagalee Waaqa kee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa fi dambiiwwan isaa warra kitaaba Seeraa kana irratti barreeffaman ni eegda; garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaanis gara Waaqa kee Yihowaatti ni deebita.+

  • 1 Mootota 8:48, 49
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 48 isaanis biyya diinonni isaanii boojuudhaan itti isaan fudhatan keessa utuu jiranii garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti, akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo sitti dhiheessan,+ 49 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ kadhannaa isaanii fi wawwaannaa isaan fudhatama argachuuf dhiheessan dhagaʼi; murtiis isaaniif kenni;

  • Ermiyaas 29:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “‘Kan na barbaaddattan garaa keessan guutuudhaan waan taʼuuf,+ isin na barbaaddattu, na argattus.+

  • Yooʼel 2:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaan akkana jedha: “Amma iyyuu taanaan, soomaa,+ booʼaa fi gadoodaa

      Garaa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi