LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Isin achuma taatanii Waaqa keessan Yihowaa yoo barbaaddattan, garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan yoo isa barbaaddattan+ dhugumaan isa ni argattu.+

  • Keessa Deebii 30:1-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+ 4 Sabni kee hamma andaara samiitti yoo bittinnaaʼan illee, Waaqni kee Yihowaan achii walitti isin qabee deebisee isin ni fida.+

  • 1 Mootota 8:47, 48
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 47 isaaniis biyya boojuudhaan itti fudhataman keessa utuu jiranii gara qalbii isaaniitti yoo deebiʼanii+ fi gara keetti yoo garagalan,+ biyya namoota isaan boojiʼan sanaa keessa utuu jiraniis, ‘Cubbuu fi dogoggora raawwanneerra; hammina raawwanneerra’+ jedhanii fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 48 isaanis biyya diinonni isaanii boojuudhaan itti isaan fudhatan keessa utuu jiranii garaa isaanii guutuu fi lubbuu* isaanii guutuudhaan gara keetti yoo deebiʼan,+ gara kallattii biyya isaanii isa ati abbootii isaaniitiif kennitettii fi magaalaa ati filatteetti, akkasumas gara mana ani maqaa keetiif ijaaretti kadhannaa yoo sitti dhiheessan,+

  • Ermiyaas 24:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Garaa ani Yihowaa taʼuu koo beekuu barbaadu isaaniif nan kenna.+ Garaa isaanii guutuudhaan gara kootti waan deebiʼaniif,+ isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi