LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 24:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Hafuurri Waaqayyoo Zakkaariyaas ilma Yehoyaadaa+ lubichaa irra ni buʼe;* innis sabicha dura iddoo ol kaʼaa taʼe irra dhaabbatee, “Waaqni dhugaan akkana jedha: ‘Ajajawwan Yihowaa kan cabsitan maaliifi? Isin milkaaʼina hin argattan! Yihowaa waan dhiistaniif, innis isin ni dhiisa’”+ isaaniin jedhe.

  • Faarfannaa 115:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Namoonni isaan tolchan,

      Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+

  • Ermiyaas 2:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Yihowaan akkana jedha:

      “Abbootiin keessan baayʼee kan na irraa fagaatan,

      Waaqolii tolfamoo gatii hin qabne duukaa buʼanii+ ofii isaaniitiifis gatii kan hin qabne kan taʼan,+

      Balleessaa akkamii na irratti argatanii ti?+

  • Ermiyaas 10:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Isaan akkuma wanta nama fakkaatuu fi sossodaachisuuf maasii buqqee dheedhii nyaatamu keessa dhaabamuutti dubbachuu hin dandaʼan;+

      Isaan deemuu waan hin dandeenyeef baatamuu qabu.+

      Miidhaa geessisuus taʼe

      Wanta gaarii akkamii iyyuu gochuu waan hin dandeenyeef,+ isaan hin sodaatinaa.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi