-
Izraa 5:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Sana booda Haageen+ raajichii fi ilma ilma Idoo+ kan taʼe Zakkaariyaas+ raajichi maqaa Waaqa Israaʼel isa isaanii olitti argamuun Yihudoota warra Yihudaa fi Yerusaalem keessa jiranitti raajii dubbatan. 2 Bara sanatti Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii fi Yeshuwaan+ ilmi Yehozaadaaq mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu deebisanii ijaaruu jalqaban;+ raajonni Waaqayyoos isaanii wajjin turan; akkasumas isaan ni deggeru turan.+
-
-
Zakkaariyaas 6:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Warri fagoo jiranis dhufanii mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruu irratti ni hirmaatu.” Isinis gara keessanitti kan na erge Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼuu isaa dhugumaan ni hubattu. Sagalee Waaqa keessan Yihowaa yoo dhageessan wantoonni kun ni raawwatamu.’”
-