-
Leewwota 18:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 “‘Saboonni warri ani isin duraa ariʼu sun wantoota kana hundumaatiin waan of xureessaniif, isin wantoota kana keessaa isa tokkoon illee of hin xureessinaa.+
-
-
Keessa Deebii 12:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 isaan si duraa haxaaʼamanii erga balleeffamanii booda kiyyoo keessa akka hin galle of eeggadhu. ‘Saboonni kun waaqolii isaanii tajaajiluu barsiifata kan godhatan akkamitti? Anis akkanuma nan godha’ jettee waaʼee waaqolii isaanii hin gaafatin.+ 31 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii illee waaqolii isaaniitiif ibiddaan gubuudhaan, wanta jibbisiisaa Yihowaan jibbu hundumaa waaqolii isaaniitiif ni godhu; ati garuu Waaqa kee Yihowaadhaaf wanta akkanaa hin godhin.+
-
-
Keessa Deebii 18:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Ati gara biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennutti yommuu seentu, gochawwan jibbisiisoo saboonni sun raawwatan hordofuu hin baratin.+ 10 Namni ilma isaa yookiin intala isaa ibiddaan gubu,*+ namni hooda dubbatu,+ namni falfala raawwatu,+ namni milkii ilaalu,+ 11 namni nama dawweessu, namni eker dubbistuu+ yookiin raagduu gaafatu+ yookiin namni warra duʼan gaafatu si gidduutti hin argamin.+
-