LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 9:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Wantoonni kun akkuma raawwatamaniin, bulchitoonni gara koo dhufanii akkana naan jedhan: “Sabni Israaʼel, akkasumas luboonnii fi Leewwonni saboota biyyoota sanaa fi gochawwan jibbisiisoo+ Kanaʼaanonni, Heetonni, Pheriizonni, Yebuusonni, Amoononni, Moʼaabonni, Gibxoonnii+ fi Amooronni+ raawwatan irraa adda of hin baasne. 2 Isaan ijoollee durbaa saboota kanaa keessaa tokko tokko fuudhaniiru; ilmaan isaaniis fuusisaniiru.+ Warri sanyii qulqulluu+ taʼan kun saboota biyyoota sanaa wajjin wal makaniiru.+ Bulchitoonnii fi bulchitoonni gad aanoon gama kanaan adda durummaadhaan amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru.”

  • Nahimiyaa 13:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Ilmaan Yoyaadaa+ isa ilma Eliyaashiib+ isa luba ol aanaa taʼe keessaa tokko soddaa Saanbaalaax+ Hooronichaa ture. Kanaafuu, of biraa isa nan ariʼe.

  • Hisqiʼel 44:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Dubartii abbaan manaa irraa du’e yookiin dubartii abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte fuudhuu hin qaban;+ taʼus durba sanyii Israaʼel taate yookiin dubartii haadha manaa lubaa turtee fi abbaan manaa irraa duʼe fuudhuu ni dandaʼu.’+

  • Miilkiyaas 2:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Lubichi yeroo hundumaa afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba; namoonnis seera* afaan isaa keessaa baʼu barbaaduu qabu;+ sababiin isaas, inni ergamaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.

      8 “Isin garuu daandicha irraa jalʼattaniittu. Seerichaa wajjin haala wal qabateen* namoota hedduu gufachiistaniittu.+ Isin kakuu Leewwii balleessitaniittu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi