-
Nahimiyaa 7:66-69Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
66 Lakkoofsi guutummaa gumichaa walumaa galatti 42,360 ture;+ 67 kunis, dhiirotaa fi dubartoota garboota+ taʼan 7,337 hin dabalatu ture; kana malees, isaan dhiirotaa fi dubartoota faarfattoota+ taʼan 245 qabu turan. 68 Fardeen isaanii 736, gaangoliin isaanii 245, 69 gaalonni isaanii 435, harroonni isaanii immoo 6,720 turan.
-