LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 1:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Godoon qulqulluun sun yeroo bakka kan biraatti geeffamu hundumaatti Leewwonni isa ni diigu;+ yeroo godoon qulqulluun sun deebiʼee ijaaramutti immoo Leewwonni isa ni dhaabu; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu isatti yoo dhihaate haa ajjeefamu.+

  • Lakkoofsa 18:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Atii fi ilmaan kee hojiiwwan luboota taʼuudhaan raawwattan warra iddoo aarsaa fi wanta golgaa keessa jiruu+ wajjin wal qabataniif itti gaafatamummaa qabdu; isin tajaajila kana raawwachuu qabdu.+ Tajaajila lubummaa kennaa godhee isiniif kenneera; namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu achitti yoo dhihaate haa ajjeefamu.”+

  • 2 Seenaa Baraa 26:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.

      19 Haa taʼu malee, Ooziyaan inni ixaana aarsuuf qodaa ixaanaa harka isaatti qabatee ture ni dheekkame;+ utuma inni lubootatti dheekkamaa jiruus, mana Yihowaa keessatti iddoo aarsaa ixaanaa biratti luboota duratti dhukkubni nadaayii+ adda isaa irratti baʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi