-
2 Seenaa Baraa 36:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+
-
-
Ermiyaas 39:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼes namoota magaalattii keessatti hafan, gantoota gara isaatti goranii fi warra achitti hafan hundumaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.
-
-
Ermiyaas 52:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota hiyyeeyyii fi namoota magaalattii keessatti hafan kaan boojiʼee fudhate. Kana malees, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi ogeeyyii harkaa dandeettii qaban kaan boojiʼee fudhate.+
-