-
Baʼuu 34:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Jiraattota biyyattii wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu; sababiin isaas, yommuu isaan waaqolii isaanii wajjin sagaagalanittii fi waaqolii isaaniitiif aarsaa dhiheessanitti,+ namni tokko si affeeree atis aarsaa inni dhiheesse irraa nyaachuu dandeessa taʼa.+ 16 Achiis ijoollee dhiiraa kee ijoollee durbaa isaanii fuusisuun kee hin oolu;+ ijoolleen durbaa isaaniis waaqolii isaanii wajjin sagaagaluu fi ijoolleen dhiiraa kees waaqolii isaanii wajjin akka sagaagalan gochuun isaanii hin oolu.+
-
-
Keessa Deebii 7:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+
-