LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 4:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Isin of eeggannoodhaan isaan hordofaa;+ sababiin isaas, kun saboota waaʼee dambiiwwan kana hundumaa dhagaʼan duratti isin ogummaa+ fi hubannaa+ akka qabdan argisiisa; isaanis, ‘Sabni guddaan kun dhugumaan saba ogeessaa fi hubannaa qabu dha’ jedhu.+

  • Faarfannaa 111:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Yihowaa sodaachuun jalqaba ogummaa ti.+

      ש [Siin]

      Warri ajajawwan isaa* eegan hundi hubannaa akka qaban argisiisu.+

      ת [Taaw]

      Jajamuun isaa bara baraaf jabaatee dhaabbata.

  • Fakkeenya 9:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti,+

      Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana beekuunis+ hubannaa dha.

  • Lallaba 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Xumurri wanta dhagaʼame hundumaa kana dha: Waaqa dhugaa sodaadhu,+ ajajawwan isaas eegi;+ kun guutummaa dirqama namaa ti.+

  • Roomaa 1:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa+ fi Waaqummaa isaa+ wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama;+ kanaafuu, isaan sababa itti qabatan hin qaban.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi