LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 15:39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 ‘Isin yommuu isa ilaaltanitti ajajawwan Yihowaa hundumaa akka yaadattanii fi akka eegdaniif andaarri uffata keessanii foʼaa kana haa qabaatu.+ Garaa fi ija keessan warra karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuutti isin geessan hin hordofinaa.+

  • Lallaba 11:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi, bara dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu. Daandii garaa keetii duukaa buʼi, gara ijji kee si geessus dhaqi; taʼus Waaqni dhugaan wantoota kana hundumaatiif gara murtiitti akka si fidu* beeki.+

  • Hisqiʼel 6:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Warri miliqanis saboota warra boojuudhaan itti fudhataman gidduu taaʼanii na yaadatu.+ Isaanis garaa isaanii isa amanamaa hin taane* isa na irraa gore+ sanaan, akkasumas ija isaanii isa waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan kajeeluudhaan* duukaa buʼe+ sanaan kan kaʼe garaan koo cabuu isaa ni hubatu. Isaan wanta hamaa fi jibbisiisaa raawwatan hundumaatiin kan kaʼe ni qaanaʼu, wantoota kanas ni jibbu.+

  • Maatewos 5:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Ijji kee mirgaa yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati.+ Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti* gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.+

  • 1 Yohaannis 2:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 sababiin isaas, wanti addunyaa keessa jiru hundi, jechuunis hawwiin foonii,+ hawwiin ijaa+ fi qabeenya ofii argisiifachuun* Abbaa irraa utuu hin taʼin addunyaa irraa madda.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi