LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Yihowaan mana qulqullummaa isaa isa qulqulluu keessa jira.+

      Teessoon Yihowaa samiiwwan keessa jira.+

      Ijji isaa ni ilaala; ijji isaa inni dammaqinaan argus* ilmaan namootaa ni qora.+

  • Faarfannaa 33:13-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaan samii irraa gad ni ilaala;

      Ilmaan namootaa hundumaas ni arga.+

      14 Bakka jireenyaa isaatii

      Jiraattota lafa irraa ni arga.

      15 Garaa namoota hundumaa kan tolchu isa dha;

      Inni hojiiwwan isaanii hundumaa ni qora.+

  • Ermiyaas 16:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Sababiin isaas, ijji koo wanta isaan raawwatan hundumaa ni arga.*

      Isaan na duraa hin dhokanne,

      Balleessaan isaaniis ija koo duraa hin dhokanne.

  • Ermiyaas 23:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Namni bakka dhokataa ani itti isa arguu hin dandeenyetti dhokachuu dandaʼu jiraa?”+ jedha Yihowaan.

      “Ani samiiwwanii fi lafa guuteen jira mitii?”+ jedha Yihowaan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi