-
Uumama 4:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yeroo booda Yihowaan Qaayiniin, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee gaafate; innis, “Ani hin beeku. Ani eegduu obboleessa kootii tii?” jedhee deebise. 10 Yeroo kanatti Waaqayyo akkana jedhe: “Wanti ati goote kun maali dha? Kunoo, dhiigni obboleessa keetii lafa irraa gara kootti iyyachaa jira.+
-
-
2 Mootota 9:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yehuunis iddaa isaa futtaasee Yooraamiin gateettii isaa lamaan gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa baʼe; innis gaarii fardaa isaa keessatti kufe.
-
-
2 Mootota 24:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Wanti kun akka Yihowaan ajajetti Yihudaa irra ni gaʼe; kunis kan taʼe, cubbuuwwan Minaaseen hojjete hundumaatiin kan kaʼe+ inni Yihudaa of duraa balleessuu waan barbaadeef,+ 4 akkasumas dhiiga qulqulluu inni dhangalaaseen kan kaʼe dha;+ inni dhiiga qulqulluudhaan Yerusaalemiin guutee ture; Yihowaanis dhiifama isaaf gochuuf fedhii hin qabu ture.+
-
-
Luqaas 11:49-51Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
49 Ogummaan Waaqayyoo kana ilaalchisee akkana kan jettu kanaafi: ‘Ani raajotaa fi ergamoota gara isaaniitti nan erga; isaanis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu, kaan irra immoo ariʼatama geessisu; 50 kanaafuu, dhaloonni kun dhiiga raajotaa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee dhangalaʼe hundumaatiif itti gaafatama;*+ 51 dhiiga Abeel+ irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaa fi manicha* gidduutti ajjeefameetti+ itti gaafatama.’ Eeyyee, ani isinitti nan hima, dhaloonni kun dhiiga dhangalaʼeef itti gaafatama.*
-