LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyoob 34:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Sababiin isaas, inni namaaf akka hojii isaatti ni deebisa,+

      Miidhaa daandii isaatiin kan kaʼe dhufus isuma irratti ni deebisa.

  • Fakkeenya 24:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Ati, “Garuu nuti waaʼee kanaa hin beeknu” yoo jette,

      Inni garaa* namootaa qoru kana hin hubatuu?+

      Eeyyee, inni si* argu ni beeka,

      Tokkoon tokkoon namaatiifis akka hojii isaatti ni deebisa.+

  • Roomaa 2:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Inni nama hundumaatiif akka hojii isaatti deebisee ni kaffala:+

  • 2 Qorontos 5:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Sababiin isaas, tokkoon tokkoon namaa gaariis taʼe gadhee wanta yeroo qaamaan jirutti raawwateef akkuma hojii isaatti gatii isaa akka argatuuf, hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhihaachuu* qabna.+

  • Galaatiyaa 6:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Hin dogoggorinaa: Waaqayyo kan itti qoosamu miti. Namni waanuma facaase sana haammata;+

  • 2 Ximotewos 4:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Iskindir inni sibiila diimaa tumu miidhaa guddaa na irra geessise. Yihowaan* akka hojii isaatti isaaf deebisa.+

  • Mulʼata 20:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.+ Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 13 Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis* warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan; isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+

  • Mulʼata 22:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “‘Kunoo, ani dafeen dhufa, tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii hojii isaatti isaaf kaffaluuf, badhaasni ani kennu ana bira jira.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi