-
Iyyoob 34:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Sababiin isaas, inni namaaf akka hojii isaatti ni deebisa,+
Miidhaa daandii isaatiin kan kaʼe dhufus isuma irratti ni deebisa.
-
-
Roomaa 2:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Inni nama hundumaatiif akka hojii isaatti deebisee ni kaffala:+
-
-
Mulʼata 20:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti.+ Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+ 13 Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis* warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan; isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.+
-
-
Mulʼata 22:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “‘Kunoo, ani dafeen dhufa, tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii hojii isaatti isaaf kaffaluuf, badhaasni ani kennu ana bira jira.+
-