-
Lakkoofsa 31:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: 26 “Eleʼazaar lubichaa fi dura buutota manneen abbootii yaaʼichaa wajjin taʼiitii wanta saamame lakkaaʼi; namootaa fi horiiwwan boojiʼamanis lakkaaʼi. 27 Namoota raayyaa waraanaa keessa jiran warra gara waraanichaa dhaqanii fi namoota yaaʼicha keessatti argaman kaan hundumaatiif akka hiramuuf wanta saamame sana bakka lamatti qoodi.+
-
-
Iyyaasuu 10:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yeroo kanatti mootonni shanan baqatanii holqa Maaqedaatti+ argamu keessa dhokatan.
-
-
Iyyaasuu 12:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Mootonni biyyattii warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatti argaman, warri Baʼaal Gaad+ isa Sulula Libaanon+ keessatti argamu irraa hamma Gaara Halaaq+ isa gara Seʼiiritti+ ol baʼu keessa jiraatan, warri Iyyaasuunii fi Israaʼelonni moʼan kanneen kana dha; sana booda Iyyaasuun biyya isaanii akka qooda qooda isaaniitti gosoota Israaʼeliif dhaalaan ni kenne;+
-