47 Yihowaan jiraataa dha! Qarsaan+ koo haa jajamu!
Waaqni qarsaa fayyinaa koo taʼe ol haa qabamu.+
48 Waaqni dhugaan anaaf haaloo ni baʼa;+
Namoonnis akka anaaf bitaman ni godha;+
49 Inni diinota koo irraa na oolcha.
Ati warra na miidhan gararraatti ol na kaasta;+
Nama hamaa jalaas na oolchita.+