LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 8:66
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 66 Guyyaa itti aanuttis* inni namoota sana ni geggeesse; isaanis mooticha ni eebbisan; gaarummaa Yihowaan tajaajilaa isaa Daawitittii fi saba isaa Israaʼelitti argisiise hundaan kan kaʼes ililchaa fi garaan isaanii gammadaa+ gara mana mana isaanii deeman.

  • Faarfannaa 13:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Inni guddisee waan na kiiseef,+ ani Yihowaa nan faarfadha.

  • Faarfannaa 31:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Gaarummaan kee akkam baayʼee dha!+

      Ati warra si sodaataniif isa keesseetta;+

      Warra sitti kooluu galaniif jettees, gaarummaa kee namoota hundumaa duratti argisiisteetta.+

  • Isaayyaas 63:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Akka gara laafina isaa fi akka jaalala isaa isa amanamaa isa guddaa taʼetti,

      Wanta Yihowaan nuuf godhe hundumaatiif,+

      Wantoota gaggaarii hedduu inni mana Israaʼeliif godheef,

      Ani waaʼee gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa argisiisanii,

      Waaʼee gochawwan Yihowaa warra jajamuu qaban sanaa nan dubbadha.

  • Ermiyaas 31:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Isaan dhufanii iddoo ol kaʼaa Xiyoon irratti ni ililchu,+

      Gaarummaa Yihowaatti,*

      Midhaanitti, daadhii wayinii haaraatti,+ zayitiitti,

      Ilmoolee bushaayee fi jabbileetti ni gammadu.+

      Isaan akkuma iddoo biqiltuu akka gaariitti bishaan argatuu ni taʼu,+

      Matumaas deebiʼanii hin laafan.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi