-
Daaniʼel 6:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Daaniʼelis yeruma sana mootichaan akkana jedhe: “Yaa mootii, bara baraaf jiraadhu. 22 Yaa mootii, Waaqni koo maleekaa isaa ergee afaan leencotaa waan cufeef,+ isaan miidhaa tokko illee na irraan hin geenye;+ sababiin isaas, ani isa duratti qulqulluu taʼee argameera; si irrattis balleessaan raawwadhe hin qabu.”
-
-
1 Qorontos 10:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Qorumsi namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye.+ Haa taʼu malee, Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu;+ kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.+
-