Leewwota 18:5 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 5 Dambiiwwan koo fi heerawwan koo eegaa; namni akkana godhu kam iyyuu isaaniin ni jiraata.+ Ani Yihowaa dha. Keessa Deebii 5:16 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 16 “‘Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuu fi badhaadhaa akka taatuuf,*+ akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti abbaa kee fi haadha tee kabaji.+ Isaayyaas 55:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Gurra keessan natti qabaa, gara koos kottaa.+ Dhagaʼaa, lubbuudhaanis ni jiraattu,Anis jaalala amanamaa hin badne isa Daawititti argisiifamee wajjin haala wal simuun,+Fedhii kootiin isinii wajjin kakuu bara baraa nan gala.+ Yohaannis 12:50 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 50 Ajajni isaa jireenya bara baraatti akka geessu ani beeka.+ Kanaafuu, ani wantan dubbadhu hunda akkuma Abbaan anatti himettan dubbadha.”+
5 Dambiiwwan koo fi heerawwan koo eegaa; namni akkana godhu kam iyyuu isaaniin ni jiraata.+ Ani Yihowaa dha.
16 “‘Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuu fi badhaadhaa akka taatuuf,*+ akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti abbaa kee fi haadha tee kabaji.+
3 Gurra keessan natti qabaa, gara koos kottaa.+ Dhagaʼaa, lubbuudhaanis ni jiraattu,Anis jaalala amanamaa hin badne isa Daawititti argisiifamee wajjin haala wal simuun,+Fedhii kootiin isinii wajjin kakuu bara baraa nan gala.+
50 Ajajni isaa jireenya bara baraatti akka geessu ani beeka.+ Kanaafuu, ani wantan dubbadhu hunda akkuma Abbaan anatti himettan dubbadha.”+