LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 7:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe.

  • 2 Saamuʼel 7:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Manni kee fi mootummaan kee si duratti bara baraaf jabaatee ni jiraata; teessoon kees bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+

  • 2 Saamuʼel 23:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Manni koo Waaqayyo duratti akkuma kanaa mitii?

      Inni anaa wajjin kakuu bara baraa galeera;+

      Kakuun kunis sirrii fi amansiisaa dha.

      Sababiin isaas, kakuun kun guutummaa fayyina koo fi gammachuu koo hundumaa ti;

      Inni manni koo akka dagaagu kan godhe kanaaf mitii?+

  • Faarfannaa 89:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Bara baraaf jaalala koo isa amanamaa isatti nan argisiisa,+

      Kakuun isaa wajjin gales matumaa hin diigamu.+

      29 Sanyii isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba,

      Teessoon isaas akkuma samiiwwaniitti jabaatee akka dhaabbatu nan godha.+

  • Ermiyaas 33:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani guyyaa fi halkan ilaalchisee kakuu koo akkuman hundeesse,+ samii fi lafa ilaalchisees seera* akkuman hundeesse,+ 26 sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit matumaa hin dhiisu; sanyii isaa keessaas bulchitoota sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi sanyii Yaaqoob irratti bulchan kaasuu koo hin dhiisu. Sababiin isaas, boojiʼamtoota isaanii deebisee walitti nan qaba,+ isaaniifis nan gadda.’”+

  • Hojii Ergamootaa 13:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Waaqayyo, Yesuusiin kan duʼaa kaase, matumaa deebiʼee akka hin tortorretti waan taʼeef, ‘Ani jaalala amanamaa hin badne isa Daawit abdachiifame sana isinitti nan argisiisa’+ jedheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi