-
Baʼuu 15:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Diinni akkana jedhe: ‘Ani isaan duukaa nan buʼa! Isaan nan dhaqqabas!
Hamman quufutti* boojuu nan hiradha!
Goraadee koo nan luqqifadha! Harki koos isaan ni injifata!’+
10 Ati hafuura kee yommuu baafattu, galaanichi isaan uwwise;+
Isaan akkuma sibiila ulfaataatti bishaan guddaa keessatti liqimfaman.
-
-
Luqaas 12:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Achiis akkana jedhe: ‘Kaʼeen akkana godha:+ Gootaraawwan koo diigeen gootaraawwan guguddaa ijaara; midhaan koo hundumaa fi miʼa koo hundumaas achitti nan naqadha; 19 achiis ofii* kootiin, “Ati,* wantoota gaggaarii hedduu waggaa baayʼeedhaaf si gaʼu qabda; egaa dhimma hin qabaatin, nyaadhu, dhugi, gammadis” nan jedha.’ 20 Waaqayyo garuu, ‘Gowwaa nana, halkanuma kana lubbuu kee si irraa fudhachuu barbaadu. Egaa wanti ati walitti qabatte kun eenyuuf taʼa ree?ʼ+ isaan jedhe.
-