LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 16:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Mootichis yeroo kanatti, “Ilmi* gooftaa keetii eessa jira?” jedhee isa gaafate.+ Ziibaanis, “Inni, ‘Harʼa manni Israaʼel, mootummaa abbaa koo deebisee anaaf ni kenna’ jedhee waan yaadeef, Yerusaalem keessatti hafeera” jedhee mootichaaf deebise.+ 4 Mootichis Ziibaadhaan, “Kunoo, wanti kan Mefibosheet taʼe hundi kan kee ti” jedhe.+ Ziibaanis deebisee, “Ani si duratti nan sagada. Yaa gooftaa koo yaa mootii, si duratti fudhatama akkan argadhu godhi” isaan jedhe.+

  • 2 Saamuʼel 19:25-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Inni mooticha simachuuf yommuu gara Yerusaalem* dhufetti mootichi, “Mefibosheet, anaa wajjin kan hin deemne maaliifi?” isaan jedhe. 26 Yeroo kanatti Mefibosheet akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo yaa mootii, tajaajilaan koo+ na gowwoomse. Ani tajaajilaan kee naafa+ waanan taʼeef, ‘Harree koo naa feʼaa; irra taaʼeen mootichaa wajjin deema’ jedheen ture. 27 Inni garuu gooftaa koo mooticha duratti maqaa tajaajilaa keetii balleesse.+ Haa taʼu malee, gooftaan koo mootichi akka maleekaa Waaqa dhugaa ti; kanaafuu, wanta gaarii fakkaatee sitti mulʼate hundumaa godhi.

  • Fakkeenya 25:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Ariifattee falmii seeraa keessa hin seenin,

      Booda namni sun yoo si salphise maal goota?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi