LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Haaloo baʼuunii fi adabuun kan koo ti;+

      Yeroo murteeffametti miilli isaanii ni mucucaata;+

      Guyyaan badiisa isaanii dhihaateera,

      Wanti isaan eeggatus dafee ni dhufa.’

  • Fakkeenya 24:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Wantuma inni ana irratti raawwate isa irratti nan raawwadha;

      Wanta inni godheef gatii isaa isaaf nan deebisa”* hin jedhin.+

  • Maatewos 5:38, 39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 “‘Bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan’+ akka jedhame dhageessaniittu. 39 Ani garuu isiniin nan jedha, nama hamaa taʼe hin mormin; kanaa mannaa, nama maddii* kee isa mirgaa kabalu* kamiif iyyuu maddii kee isa bitaas itti qabi.+

  • Roomaa 12:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa.+ Wanta namoota hundumaa duratti gaarii taʼe hojjedhaa.

  • Roomaa 12:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Yaa obboloota jaallatamo, “‘Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee+ ofii keessanii haaloo hin baʼinaa.

  • 1 Tasalonqee 5:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yeroo hunda walii keessaniifis taʼe namoota kaan hundumaaf wanta gaarii gochuuf carraaqaa malee, eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan akka hin deebisne of eeggadhaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi