-
1 Mootota 21:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina koo, na argatte mitii?” jedhe.+ Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Eeyyee, si argadheera. ‘Ati wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutattee waan kaateef,*+ 21 kunoo, ani badiisa si irratti nan fida; si duukaa buʼees haxaaʼee sin balleessa; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo+ dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+
-
-
2 Mootota 10:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Kanaafuu, isin amma dubbii Yihowaa isa Yihowaan mana Ahaab irratti dubbate keessaa tokko illee utuu hin raawwatamin akka hin hafne* beekaa;+ Yihowaan wanta karaa tajaajilaa isaa Eeliyaas dubbate raawwateera.”+ 11 Kana malees, Yehuun warra mana Ahaab keessaa hafan hundumaa fi Yezriʼel keessa jiraatan, akkasumas namoota isaa warra beekamoo taʼan, michoota isaa fi luboota+ isaa hunda tokko illee utuu hin hambisin ni ajjeese.+
-
-
Ermiyaas 22:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Yihowaan akkana jedha:
-