LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 16:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Aaron harka isaa lamaan mataa reʼee isa lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee, balleessaa Israaʼelotaa hundumaa, yakka isaanii hundumaa fi cubbuu isaanii hundumaa isa irratti ni himata; achiis cubbuuwwan kana mataa reʼee sanaa irra kaaʼee+ namni hojii kanaaf ramadame* gara lafa onaatti akka isa geessu godha. 22 Reʼeen sunis balleessaa isaanii hundumaa baatee+ gara lafa gammoojjii deema;+ innis reʼee sana gara lafa onaatti erga.+

  • 1 Pheexiros 2:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Nuti cubbuudhaaf duunee qajeelummaadhaaf akka jiraannuuf, inni cubbuu keenya qaama isaatiin muka irratti+ baate.+ “Isinis madaa isaatiin fayyifamtan.”+

  • 1 Yohaannis 2:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi