LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Roomaa 8:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Eenyutu isaanitti murteessa? Sababiin isaas, inni duʼe, inni duʼaa kaʼe, inni mirga Waaqayyoo jiruu+ fi inni nuuf kadhatu+ Kiristoos Yesuusi dha.

  • Ibroota 7:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Inni yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf,+ warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa.

  • Ibroota 9:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Utuu akkas taʼee, addunyaan erga hundeeffamee jalqabee yeroo baayʼee dhiphachuu qaba ture. Haa taʼu malee, aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf,+ dhuma sirnootaa* irratti yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha of mulʼiseera.

  • 1 Yohaannis 2:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi