-
Hisqiʼel 18:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 eenyuun iyyuu hin miidhu;+ kanaa mannaa, wanta namni liqeeffate tokko qabsiisa godhee isaaf kenne ni deebisa;+ eenyuun iyyuu hin saamu;+ kanaa mannaa, nyaata isaa isa beelaʼeef ni kenna;+ isa daares daara ni baasa;+ 8 dhala hin fudhatu yookiin haraaxaadhaan hin liqeessu;+ kanaa mannaa, haqa jalʼisuu irraa ni fagaata;+ yeroo hundumaas nama tokkoo fi isa kan biraa gidduutti haqaan murteessa;+
-
-
Yaaqoob 2:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Obboleessi yookiin obboleettiin kam iyyuu uffataa* fi nyaata guyyichaaf isaan barbaachisu hin qaban yoo taʼe, 16 garuu isin keessaa namni tokko, “Nagaadhaan deemaa; isinitti haa hoʼu, quufaas” yoo isaaniin jedhee fi wanta qaama isaaniitiif barbaachisu yoo isaaniif kennuu baate maal isaan fayyada?+
-