-
Keessa Deebii 7:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yihowaan dhukkuba hundumaa si irraa ni balleessa; dhukkuboota hamoo biyya Gibxii keessatti beektu sana keessaa isa kam iyyuu si irratti hin fidu.+ Kanaa mannaa, wantoota kana warra si jibban hundumaa irratti ni fida.
-
-
Mulʼata 22:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Inni laga bishaan jireenyaa+ teessoo Waaqayyoo fi teessoo Hoolichaa+ keessaa baʼee yaaʼu, isa akka kiristaalii qulqulluu taʼe natti argisiise; 2 bishaanichi daandii guddaa magaalattii walakkaa gad yaaʼa ture. Lagicha irraa garanaa fi garasiin, mukeetiin jireenyaa jiʼa jiʼaan firii godhachuudhaan waggaatti siʼa 12 firii kennan jiru turan. Baalli mukeetii kanaa saboota fayyisuuf gargaara ture.+
-